Siriyaa: Halleellaan xayyaara Rusiyaa 'siviloota hedduu ajjeesse'

Siriyaa: Halleellaan xayyaara Rusiyaa 'siviloota hedduu ajjeesse'

Baha Siriyaatti mandara Al- Shaafaah keessatti yoo xinnaatee siviiloonni 53 halleellaa xiyyaara Rusiyaattiin ajjeefamu isaaniin ajjeefamu isaanii, gareen to'attootaa dubbate. To'ataan Mirgoota Namoomaa UK'tti bu'uurefatee (SOHR) namoota Dilbata ganama ajjeefamuun isaanii gabaafame keessaa 21 daa'imman jedheera.

Mandarri Dee'ir al-Zoor keesstti argamtu tunis lafa warra garee islaamtootaa qabatan kan dhumaati. Jalqaba SOHR akka jedhettis, halleellaa gamoolee jireenyaa irratti raawwatameen namoonni 34 ajjeefamaniiru.

Garuu ogganaan garee hordoftootaa Ejansii oduu AFP'tti akka himeetti, lakkoofsicha kan isa caalu ta'u amma amanameera. ''Lakkoofsi namoota ajjeefaman erga lubbu baraartoonni jijjiggaa kaasanii dabale,'' jedheera Raamii Abdal Raahmaan.

Duras Rusiyaan xayyaaroon boombii dheedheeroon jaha naannchatti halleellaa raawwataniiru, garuu kan aleelan milishootaa fi bakkeewan isaan qabantaniidha jettee turte. Rusiyaan Pirezidaantii Siriyaa Baashaar al- Assaad waliin michuu waraana sivilii yeroo dheeraati.

Mariin UN deegaramu torban dhufu keessa Jeeneeviitti akka eegalamu eegama, garuu mariiwwan kana duraa hedduun fashalaa'aniiru.

Karaa gara biraatiinis Dilbata qarqara Damaasqoo lafa finciltootaan to'atamteetti namoonni 23 ajjeefamaniiru. SOHR akka jedheetti Baha Ghowutaatti magaaloonni hedduun alleellaa qilleensaa fi dhokaaraan rokaasaan rukutameera. Gabaasni kamiyyuu qaama bilisaatiin hinmirkanoofne.

Gareen hordooftootaas erga loltoonni Siriyaa gochaa yakkaa isaanii eegalanii erga torban lamaatii as namoon 120 ta'an ajjeefamaniiru. Erga haalli waraanaa Baha Ghowuutti waggootaaf eegalameen asittis jiraattoonni kuma 400 ta'an jireenya sukkaneessaaf saaxilamun beelaan du'usaanii gabaafameera.

Gabaasa torban darbee keessattis, UN soorannii baayyee rakisaa ta'usaatiin kan ka'ees jiraattonni soorata loonii fi gataa keessaa furaananii gara nyaachu irra gahaniiru.

Siriyaatti Bahii Ghowutaa bakeewwan 'lolli keessatti babal'atee' baay'ee keessaa tokko ta'usaa Rusiyaa, Iraan fi Turkiin jalqaba waggaa kanaatti ibsanee ture.
Developed by Jago Desain